Naannichatti waltajjiin Hoggaantoota Olaanoo fi Giddugaleessaa gaggeeffamu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2016 (FBC) –Naannoo Amaaraatti waltajjiin gamagamaa Hoggaantoota Olaanoo fi Giddugaleessaa gaggeeffamuu eegale.

Waltajjichaan haalaa waqtawa naannicha, siyaasaa fi nageenyaarratti mariin ni gaggeeffamaa jedhameera.

Pireezidaantiin naannichaa Obbo Araggaa Kabbadaan, sababa walitti bu’iinsaan dhaabbilee barbada’anii fi lammiilee qe’eef qabeenyaa isaaniirra buqqa’aan deebisaanii dhaabuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechuu barbaachisaa jedhan.

Gama Bulchiinsa gaariin, rakkoo kenninsaa tajajiilaa furuun hoggansichaarraa kan eegamuu ta’uu kaasaniiru.

Olaantummaa seeraa mirkanneessuu fi nageenya waaraa ijaaruun ajandaa naannichaa ta’uu Obbo Araggaan ibsaniiru.

Waltajjiin gamaagamicha, Magaalaa Bahirdaar dabalatee Dassee fi Dabira Birhanitti akka gaggeeffamuu ragaan Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa damee Amaaraarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment