Naannichatti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatameen iddooleen hedduun gara sochii idileetti deebi’uu ibsame

Finfinnee, Hagayya 9, 2015 (FBC) – Naannoo Amaaraatti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatameen iddooleen hedduun gara sochii Idileetti deebi’uu Qajeelchi ajaja waliigalaa Labsii yeroo ariifachiisaa beeksiseera.

Qajeelchi Ajaja Waliigalaa Labsii yeroo ariifachiisaa raawwii hojii marsaa 2ffaa gamaaggameera.

Guyyoota itti aanaan keessa tarkaanfiin eegalame cimee akka itti fufu ajajni cimaan laatameera.

Oppireeshinii waraanaa marsaa 2ffaa gaggeeffameen naannoo Amaaraatti iddooleen hedduun gara sochii idileetti deebi’uu qajeelchichi ibseera.

Tasgabbii fi nageenya uumame bu’uura taasiisuun kutaalee hawaasaa waliin mariin gaggeeffamuu eegaluu ibseera.

Dhaabbileen taajaajilaa Mootummaa, dhuunfaa fi hawaasaa hojii idilee akka eegalaniif hojjetamaa jiraachuu qajeelchichi gamaaggama isaan kaaseera.

Simannaa, deeggarsii fi tumsi ummanni Raayyaa Ittisaaf taasiisaa jiru daraan dabalaa jiraachuu himeera.

Fedhii fi sochiin hawaasni tajaajiloonni hawaas diinagdee akka eegalu qabu jajjabeessaa ta’uun ibseera.

Nageenya labsiin yeroo ariifachiisaa uumetti fayyadamuun qonnaan bulaan gara hojii qonnaatti deebi’aa jiraachuu ka’eera.

Haalli galteewwan qonnaa iddoolee barbaaddamutti imalchiisuuf dandeessisu uumamuu gamaaggamichaan ibsameera.

Ajajichi gamaaggama taasiiseen boruu eegalee konkolaattoonni abbaan miila sadii yookaa bajaajiin ganama sa’aatii 12:00 irraa jalqabee tajaajila geejjiba idilee akka laatan eeyyameera.

Abbootiin qabeenyaa konkolaattoota kanneen adeemsa seeraan alaa gareen finxaaleyyii raawwatan, saamicha fi daddabarsa meeshalee waraanaa waliin walqabatee of eeggannoo cimaa akka taasiisan qajeelchichi hubachiiseera.

Qaama gocha kana keessatti hirmaatee argamerratti akkaataa seera labsii yeroo ariifachiisaan tarkaanfiin akka irratti fudhatamu ajajeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment