Naannichatti shakkamtoonni garee shororkeessitootaa waliin kallattiin hidhata qaban 98 to’ataman

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2014 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti shakkamtoonni garee shororkeessitootaa waliin kallattiin hidhata qaban 98 to’atamuu Poolisiin beeksiise.

Poolisiin naannichaa labsii yeroo ariifachiisaa dursee hordoffii cimaa taasiisaa turuu Komishinarri Komishinii Poolisii naannichaa Abduul’aaziim Mahaammad ibsaniiru.

Namoonni dhuunfaan to’annoo jala oolaan kunneen garee shororkeessaa ABUT fi shanee waliin kallattiin hidhata kanneen qabaachuu ragaan jiraachuu himaniiru.

Oppireeshinii Onkololeessa 21, 2014 hanga har’aatti gaggeeffameen shakkamyoonni 98 to’annoo jala ooluu isaanii eeraniiru.

Namoonni dhuunfaan to’annoo jala oolaan kunneen haleellaa raachuuf wayita dhoksaan qophiirra turan ta’uu Komishinarri Komishinii Poolisii naannichaa Abduul’aaziim Mahaammad ibsaniiru.

Namoonni kunneen laaptooppiwwanii fi kanneen biroo fayyadamuun viidiyoo olola sobaa qabu tamsiisuun hawaasa burjaajessuuf qophiirra turuu himaniiru.

Poolisiin ragaa qabatamaa qabachuun qaamoleen dhuunfaa kunneen to’annoo seeraa jala akka oolaan taasiisuu dubbataniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment