Naannichatti sagantaa tajaajila tola ooltummaa Ganna eegale

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2016 (FBC)-Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan sagantaa tajaajila tola ooltummaa Ganna Magaalaa Baahir Daaritti eegalchiisaniiru.

Saganticharratti Obbo Araggaa Kabbadaa dabalatee qondaaltoonni olaanoo naannichaa biroon argamaniiru.

Obbo Araggaan sagantichi magaaloota naannichaa hunda keessatti hojiirra kan oolu ta’uu himaniiru.

Hawaasni hundi tajaajila tola ooltummaa kanaaf deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessuu ragaan miidiyaa naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment