Naannichatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan miiliyoona 2 ol dhaabuuf karoorfamuun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2015(FBC)- Naannoo Hararritti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2016 ‘n Biqiltuuwwan miiliyoona 2.8 dhaabuuf karoorfamuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Nannichatti waggoottan arfan darban biqiltuuwwan gosa garaagaraa miliyoonni 10 ol dhaabamuu Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Naannoo Hararri Obbo Shaamee Abdii ibsaniiru.

Bara kanas biqiltuuwwan gosa garaagaraa miiliyoona 2fi kuma 800 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuusaanii ragaan Koominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment