Finfinnee, Guraandhala 27, 2015(FBC)- Naannoo Kibbaatti sababa hongeen lammiileen miiliyoonni 2 deeggarsa ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa naannichaa beeksise.
Naannichatti oomishni lafa heektaara kuma 342 irra ture sababa hanqina roobaan faayidaan ala ta’uu Manni Maree Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa naannichaa qorannoon mirkaneessuu eerameera.
Rakkoo kanaaf furmaata hatattamaa barbaaduun barbaachisaa ta’uu Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaafi Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa Usmaan Surur dubbataniiru.
Naannichatti lammiileen miiliyoonni 2 deeggarsa ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu kaasuun, dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.
Hojii uummata qindeessuu mootummaan kan hojjetu ta’uu ibsuusaanii DhRTK gabaaseera.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.