Naannichatti qonnaa Gannaan lafa hektaara kuma 45 irratti ruuzii misoomsuuf karoorafmeera

Finfinnee, Adoolessa 29, 2015 (FBC)-Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Ityoophiyaatti qonnaa Gannaan lafa hektaara kuma45’rratti ruuzii oomishuuf karoorfamuu, Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Ittaanaa Hogganaa Biirichaa fi Itti Gaafatamaan Damee Misooma Qonnaa Obbo Ashanaafii Kinfuu FBC’f akka ibsanitti kanaan dura naannichatti oomsihaa ruuzii bal’inaan misoomaa hinturre.

Bara darbee qonna Arfaasaan lafa hektaara kuma 4 fi 575 irratti oomisha Ruuzii misoomuun oomisha kuntaala kuma 178 fi 269 walitti qabamuu kaasan.

Ganna baranaan dachaa 10 guddisuun lafa hektaara kuma 45 irratti ruuzii misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 1.5 argachuuf karoorfamee hojiitti seenamu dubbataniiru.

Kunis, naannichatti waqtii Gannaatti waliigalaan misoomsuuf kan karoorfame lafa hektaara kuma 323 fi 294 keessaatti kan hindabalamne ta’uu ibsaniiru.

Feeven Bishaawuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment