Finfinnee, Caamsaa 24, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti qonna gannaa bara kanaan lafa heektaara miiliyoona 7.4 sanyiin uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksisee.
Lafa heektaara miiliyoona 7.4 keessaa hanga ammattii lafti
heektarrii miiliyoonni 5.9 qotamuu Itti Aanaa Hoggannaa fi Itti Gafatamaan Damee Qonnaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan Faanaa Biroodkastingi Korpooretitti himaniiru.
Lafa heektaara miiliyoona 5.9 qotame keessaa hanga ammatti lafti heektarri miiliyoonnii 1.8 sanyiin uwwifamuu Obbo Bariisoon ibsaniiru.
Qonna gannaaf Xaa’oo kuntaalaa miiliyoona 6.3 gara biyya keessaa galchuuf karoorfame keessaa hanga yonaatti xaa’oon kuntaallii miiliyoonni 3 galuun giddu galawwanitti rabsamaa jiraachuu eeraniiru.
Xaa’oo yeroo barbadamu keessatti gara biyyaa galchuuf xiyyeeffannoon hojjetama jiraachuus kaasaniiru.
Bakkeewwaan hanqinni dhiyeessii mudatetti hojiin xaa’oo geejjibsisuu fi rabsuu raawwatamaa jiraachuu dubbataniiru.
Qonna gannaa bara kanaaf hanqinni sanyii filatamaa guutuuman guututti kan hin jirre ta’uu ta’uus eeraniiru.
Bakkewwaan hanqinni Xaa’oo mudatetti Kompoostiidhaan bakka buusuuf bara kana Kompoostii Meetir kiyuubiin miiliyoonni 100 qopha’uu ibsaniiru.
Inisheetivii qonna Laawuuzii, Maashoo, Saaliixii fi kanneen biroorratis xiyyeeffannon hojjetamaa jiraachuu Obbo Bariisoon himaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.