Naannichatti qaamolee hanqina raawwii qaban irratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhame

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC)- Naannoo Harariitti qaamolee hanqina raawwii qaban irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu Af Yaa’iin Mana Maree Naannoo Hararii obbo Sulxaan Abdusalaam ibsan.

obbo Sulxaan hojiilee to’annoo fi hordoffii mana marichaa ilaalchisee ibsa laataniiru.

Hojiilee manni marichaa hojjetu keessaa baajatni faayidaa uummataaf ramadame haalaan hojiirra ooluu fi dhiisuu hordofuu fi deeggarsa taasisuu ta’uu eeraniiru.

Hojiilee misoomaarratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamuu akka qabu kaasaniiru.

Koreen dhaabbii mana marichaa guyyaa kaleessaarraa kaasee daawwannaa dirree taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Daawwannaa dirree booda hojiilee gaarii jajjabeessuu fi dhaabbilee hanqina qaban irratti tarkaanfiin sirreeffamaa kan fudhatamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment