Naannichatti proojektoonni bishaan dhugaatii hawaasa horsiisee bulaa tajaajilan 50n hojii eegalan

Finfinnee, Caamsaa 28, 2013 (FBC) -Naannoo Oromiyaatti bara proojektoonni bishaan dhugaatii hawaasa horsiisee bulaa tajaajilan 50n hojii eegaluu Komishiniin Qindeessa Misooma Naannoo Horsiise Bulaa Oromiyaa beeksise.
Naannoo Oromiyaatti bara kana Proojektoota 50 ta’an Birrii miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 45 fi kuma dhibba 8 fi kuma 62 hojjetamuu isaanii, ,Komiishinarri Komiishinii Qindeessa Misooma Naannoo Horsiise Bulaa Oromiyaa Roobaa Turcee himaniiru.
Hojii misoomaa kanaanis Abbootiin warraa kumni dhibbi 4 fi kumni 99 fi 745 fayyadamoo ta’uu himaniiru.
Bara 2013’tti bishaan roobaa walitti kuusuudhan akka uummanni fayyadamu gochuudhaf haroowwaan 23, bishaan boolla gadi fagoo 8,Kuusawwan bishaan 6,
birkaawwaan bishaan kuusan 7, Micro_Damiwwan 6 hojjetamaniiru.
Walumaa galatti Proojektoota 50 ta’u hojjachuun Uummata fayyadama gochuurratti argamna jedhan,Komiishinarri Komiishinii Qindeessa Misooma Naannoo Horsiise Bulaa Oromiyaa, Roobaa Turcee.
Akka OBN gabaaseetti beelladoonni miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 4 fi kumn5 fi 31fi 840 ta’an faayidaa kallattin kan irraa argatan ta’u jedhan.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment