Naannichatti Oomishni Barbaree bal’inaan gabaaf dhiyaachaa jira jedhame

Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC) –Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti Oomishni Barbaree bal’inaan gabaaf dhiyaachaa jiraachuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksiise.

Godinaalee naannichatti bara kana oomishni Barbaree bal’inaan oomishamuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Obbo Tafarraa Zarfuun Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Bara kana lafti hektaarri kumni 27 fi 733 oomisha Barbareen uwwifamuu kaasaniiru.

Callaan kuntaalli kumni 300 kan eegamu ta’uus dubbataniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment