Naannichatti oomisha qonnaan bu’aa barbaadamu argamsiisuuf hirmaannaa qindaa’aa taasisuu barbaachisa- Obbo Ristuu Yirdaa

Finfinnee, Mudde 18, 2015(FBC)- Naannoo Uummattoota Kibbaatti  oomisha qonnaan bu’aa barbaadamu argamsiisuuf hirmaannaa qindaa’aa taasisuun barbaachisaa ta’uu pireezidaantiin naannichaa  Obbo Ristuu Yirdaan ibsan.

Abbaan Taayitaa Bunaafi Mi’eessituu naannichaa to’annoo bunaa irratti waltajjii marii godina Geede’oo magaalaa Diillaatti gaggeessaa jira.

Waltajjicharratti pireezidaantii naannoo Uummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaafi Hogganaa Biiroo Qonnaa naannichaa obbo Usmaan Surur dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaafi qaamolen dhimmi ilaallatu argamuu  eerameera.

Oomishaaleen qonnaa naannichatti oomnishamaa jiran bu’aa barbaadamu akka fiduuf hirmaannaa qindaa’aa taasisuun barbaachisaa ta’uu obbo Ristuun marichaan kaasaniiru.

Hojii daldala seeraan alaa bunarratti mul’atu ittisuuf hirmaannaa qindaa’aan barbaachisaadha jechuusaanii ragaan kominikeeshinii godina Geede’oorraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment