Naannichatti kaffaltiin kuufama Sooramaa eegalame

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC) – Naannoo Tigraayitti gaaffii kaffaltii kuufama Sooramaa ture deebisuuf har’a kaffaltiin eegalamuu ibsameera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaaffichi deebii akka argatu murteessuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan har’aa eegalee kuufamni Baatiwwan 17 kan namoota kuma 65 fi 873 kaffalamuu eegaleera.

Kanaafis Baajanni Birriin biiliyoonni 1.3 ramadamuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Bulchiinsa Wabii Hawaasummaa Dhaabbilee Mootummaa Obbo Dhaabaa Ooriyaan ibsaniiru.

Hayilayesuus Makonniintu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment