Naannichatti hojiirra oolmaa karoora guyyoota 100 irratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 21, 2016 (FBC) – Naannoo Giddu Galeessa Itiyoophiyaatti hojiirra oolmaa karoora guyyoota 100 irratti magaalaa Hoosaa’inaatti mariin gaggeeffamaa jira.

Itti Aanaa Pireezidaantii naannichaa Obbo Indashaaw Xaasaw dabalatee hoggantoonni godinaalee fi aanaalee naannichaa maricharratti hirmaachaa jiru jedhame.

Dhimmoota nageenyaa, fayyaa, qonnaa, barnootaa fi galii walitti qabuurratti xiyyeeffachuun mari’achaa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment