Naannichatti hidhattoonni socho’aa turan waamicha nageenyaa mootummaa simachuun deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuz Aanaa Guubaa keessaa hidhattoonni socho’aa turan waamicha nageenyaa mootummaa simachuun hidhannoo isaanii waliin deebi’uun ibsame.

Mootummaan naannichaa nageenyaa waaraa mirkaneesuuf waliigaltee taasiseen hoggantoonni 10 fi miseensonni 129 waliigalaan hidhattoonni 139 filmaata nageenyaa fayyadamuun deebi’uun, hidhannoo isaaniis mootummaatti dabarsuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan dhiyeenya miseensotaa fi hogantoota hidhattootaa waliin qabsoo nagaarratti mari’achuun waliigalteerra ga’uun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment