Naannichatti guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoonni 2.2 dhaabamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC)- Naannoo Gambeellaatti sagantaa Ashaaraa magariisaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoonni 2fi kumni dhibbi 2 ol dhaabbachuu Biiroon Qonnaafi Qabeenya uumamaa naannichaa ibse.

Naannichatti mata duree “Ashaaraa keenya dhaloota keenyaaf” jedhuun guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 1.7 dhaabuuf karoorfamee biqiltuu miiliyoonni 2.2 dhaabbachuu biirichi ibseera.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaaf hirmaannaan hawaasaa cimee  itti fufuu akka qabu ibsameera.

Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa naannichaa obbo Ajaak Uchaalaan, naannichatti ganna baranaan biqiltuu miiliyoona 9fi kuma dhibba 5 dhaabuuf karoorfamee hojii bal’an hojjetamaa jiraachuu eeruu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment