Naannichatti galiin Birrii biiliyoona 4.2 walitti qabamuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 15, 2016 (FBC)- Naannoo Afaaritti bara baajataa 2016tti galiin Birrii biiliyoona 4.2 walitti qabamuu Biiroon Galiiwwan naannichaa beeksiseera.

Naannichatti bara baajataa 2016ttii galii Birrii biiliyoona 5.2 walitti qabuuf karoorfamuun galiin Birrii biiliyoona 4.2 walitti qabamuu Hogganaan Biiroo Galiiwwan naannichaa Obbo Awwal Abdii ibsaniiru.

Galiin argame bara darbe yeroo walfakkaataan yoo madaalamu %21 caalmaa qabaachuu himuu ragaan miidiyaa Naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment