Naannichatti Daldaltoota Seeraan kuma 75 irratti Tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Mudde 30, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti daldaltoota seeraan alaa daldalaa turan kuma 75irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Daldalaa Naannicha ibse.

Baatiiwwan shanan hojii to’annoo cima hojjetameen daldaltoota kannennirratti tarkaanffiin seera qabeessi fudhatamuu Hogganaan Itti Aanaan Biiricha Obbo Tasfaayee Gashoon ibsaniiru.

Daldaltoonni tarkaanfiin irratti fudhatame kunneen heyyama kennameefiin alaa daldalaa biroorratti kan hirmaatan, meeshaalee fi oomishaalee adda addaa waliin makuun kanneen gurguraa turan fi kanneen hojii seeraan alaa biroo irratti hirmaatan ta’uu eeraniiru.

Akkasumas kanneen madaala burjaajessaan, Eeyyama daldalaa hin haaromsine, bakka hojii eeyyama itti fudhatan itti dabalataan bakka biraatti hojjechuurratti kanneen bobba’anirratti tarkaanfichi fudhatamu kaasaniiru.

Tarkaanfiileen bulchiinsaa fudhatamaniis, dhaabbilee daldalaa Cufuu fi eeyyama daldalaa haquufi kanneen biroo ta’uu eeraniiru.

Tarkaanfii fudhatameen Birriin miiliyoonni 16 ol Mootummaaf galii ta’uu ibsuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.
.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment