Naannichatti borurraa eegale talaalliin ittisa dhibee Kooleera ni kennama

Finfinnee, Fulbaana 4, 2016 (FBC)Naannoo Amaaraatti boruurraa eegalee taalalliin ittisa dhibee Kooleeraa kan kennamu ta’uu Inistiiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Naannicha beeksise.

Daayrektarri Olaanaan Inistiityuuticha Balaay Bazzaabii ibsa kennaniin, naannichatti weerarri dhibichaa Aanaa Qu’aaratti Adoolessaa 7, 2015 mudachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan dhibichi aanaalee naannicha 28’tti mudachuu eeruu ragaan Biiroo Kominiikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Guyyaa borurraa eegalees talaalliin ittisa dhibee kooleera daa’immaan waggaa tokko ol ta’aaniif keellawwan Fayyaa filatamanitti kan kennamuu ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment