Naannichatti bakkeewwan hongeen miidhaman deebisanii dhaabuuf Birrii miiliyoonni 338 ramadamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 17, 2014 (FBC) –Naannoo Soomaaleetti bakkeewwan hongeen miidhaman deebisanii dhaabuuf  Birrii miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 38 ramadamuu Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii beeksise.

Ministeerichi hojiilee deebisanii dhaabuu hojjetamuuf sagantaa beeksisaa magaalaa Jigjigaatti qopheesseera.

Sirnicharratti Preezdantii Mootummaa Naannoo Soomaalee Obbo Musxafee Muhammad, Ministira Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahammad fi hoggantoonni olaanoon federaalaa fi naannichaa argamaniiru.

Naannichatti hojiin bakkeewwan hongeen miidhaman  deebisanii dhaabuu hojjetamu deeggarsa maallaqaa Baankii Addunyaa irraa argameen ta’uu ragaan Minsteericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment