Naannichatti baatiiwwan 6 darbanitti galiin Birrii miiliyoonni 580 walitti qabuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti baatiiwwan 6 darbanitti galiin Birrii miiliyoonni dhibbi 5   fi miiliyoonni 80 walitti qabuu ibsame.

Abbaan Taayitaa Galiiwwanii naannichaa gabaasa raawwii hojii baatiiwwan 6 darbanii koree dhaabbii mana mare naannichaaf dhiyeesseera.

Baatiiwan 6 darbanitti galii Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 93 fi kuma dhibba 3 walitti qabuuf karoorfatamee galiin Birrii miiliyoonni dhibbi 5   fi miiliyoonni 80 walitti qabamuu fi kan bara darbeerra caalmaa Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 11 fi kuma dhibba 6 kan qabu ta’uu ibsameera.

Naannichatti bara baajataa 2014tti galii waliigalaa Birrii biiliyoona 1.64 walitti qabuuf karoorfatamuu ragaan Miidiyaalee naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment