Naannichatti abbootti qabeenyaa kappitaala Birrii biiliyoona 2 galmeessan 134’f eeyyamni kenname

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC)- Naannoo Beenishaanguul Gumuuzitti abbootii qabeenyaa Kaappitaala Birrii biiliyoona 2 galmeessisan 134 eeyyamni invastimanti kenname.

Abbootiin qabeenyaa kunneen dameewwan, oonna, indaastirii manufakchariingii, Konistiraakshinii, barnootan, hoteelaan, buufataa bobba’aa fi giddugaloota gabaarratti hirmaachuuf eeyyamni kennamuun eerameera.

Biiroo Indaastirii fi Invastimantii naannichatti Daayirektarri Komiinikeeshinii Obbo Gashaaw Shaamaa Faanaa Biroodkastingi Korpooreetiif akka ibsanitti, abbootiin qabeenyaa 134 dameelee irratti boba’anii fi ka’uumsa kappitaala isaanii bu’uureffachuun carraa hojii uumuu danda’aniin sadarkaa sadarkaan galmeessuun eeyyamichi kennamuu ibsaniiru.

Abboottiin qabeenyaa kanneen keessaa kappitaala Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 809 fi kuma 484 ol galmeessaan 107 carraa hojii lammiilee kuma 30’f carraa hojii ni uumu jedhame kan eeggamu ta’uu dubbataniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment