Naannichaatti sagantaan duula arjooma dhiigaa labsame

Finfinnee, Eebila 24, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa sagantaa duula arjooma dhiigaa labseera.
 
Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggansi olaanoon naannichaa guyyaa har’aa mooraa Waajjira preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti dhiiga arjoomaniiru.
 
Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromoiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsa saganticharraatti laataniin, haadholii da’uumsarratti argamanii fi namoota sababa balaa ummaamaa fi namtolcheen miidhaan irra qaqqabe baraaruuf dhiiga arjoomun murteessaadha jedhan.
 
Akka naannoo Oromiyaatti guyyaa har’aa irraa eegalee duulli arjooma dhiiga labsamuu isaa ibsaniiru.
 
Akka Biiroon dhimmoota Kominiikeeshiinii mootummaa naannicha beeksisetti,obbo Shimallis,hoggansi naannoo Oromiyaa ofii dura bu’uun ummata arjooma dhiigaa kanarratti akka hirmaachisan waamicha dhiyeessaniir.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment