Naannichaatti nageenya lammiilee mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Obbo Indaashaawu Xaasawu ibsan

Finfinnee, Sadaasa 14, 2016 (FBC)- Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti Mana Maree Nageenyaa hundeessuu fi waltajjiin marii nageenyaa Magalaa Hosaanaatti gaggeeffamaa jira.

Walitti Qabaan Mana Maree Nageenyaa fi Pireezidaantiin Ittaanaa Naannichaa Obbo Indaashaawu Xaasawu akka jedhanitti, nageenya lammiilee mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jira.

Dhimmoota nageenyaa fi tokkummaa naannichaa booressan addaa baasuun qaamoleen walitti bu’iinsa uumuuf socho’an to’annoo jala oolchuuf, rakkoolee naannawaa garaagaraatti mul’atan hojii to’achuu gaggeessaa turuu ibsan.

Qaamoleen sabaan, amantaan, gosaan gurmaa’uun ajandaalee addaa addaa uumuun hojiilee guyyuu ummataa jeequuf socho’an jiraachuu mirkaneessuu ibsaniiru.

Manni Maree Nageenyaa ifatti hojii eegalus dhimmichaa xiyyeeffannaan hordofuun irratti mari’atee murteewwan garaagaraa akka kennuu eeraniiru.

Qaamolee nageenya naannichaa eegsisuuf gumaacha olaanaa taasisan, hoggansa sadarkaan jiran, gurmaa’inaalee ummataa, jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaa galateeffataniiru.

Hogganaan Biiroo Nageenyaa Obbo Tamasgeen Kaasaa gama isaaniin, naannichatti kanaan dura rakkoolee nageenyaa hinfuramiin turan furuun, fedhii misoomaa ummata naannichaa dhugoomsuuf Manni Maree Nageenyaa gahee olaanaa ni qabaata jedhaniiru.

Tarsiimoo ittisaarratti xiyyeeffate hordofuun yakka hawaasa giddugaleeffate ittisuu diriirsuuf barbaachisaa akka ta’e kaasuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Aadaa walitti bu’iinsa furuu hordofuu, hariiroo ummataa fi ummataa cimsuu, hariiroo ollummaa naannolee uumuu, duudhaalee waloomaa cimsuurratti xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment