Finfinnee, Bitootessa 11, 2015 (FBC) – Naannoo Kibbaa bakkeewwan hongeen mudatetti dhiyeessii deeggarsa namoomaa bu’aa qabeessa taasisuuf hojjetaamaa jiraachuu kominikeeshiniin naannichaa beeksise.
Hoggantuun Biiroo Kominikeeshinii naannichaa aadde Sannaayit Salamoon, dhiyeessii deeggarsa namoomaa naannichatti kutaalee hawaasaa hongeen miidhamaniif taasifamu bu’aa qabeessa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Naannichatti lammiileen miiliyoonni 2 ol deeggarsa namoomaa ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu kaasuun, lammiileen kumni 900 ol fayyadamoo sagantaa wabii nyaataa ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan naannichaa Birrii miiliyoona 100 ramaduu eeruun, dhaabbileen miti mootummaafi hawaasnis balichi yaaddessaa ta’uu hubachuun deeggarsa taasisaa jiraachuu dubbachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Godina Koonsoofi aanaalee addaa Burjii, Amaaroo, Alee, Daraashee akkasumas aanaalee Uubaa Dabra Tsahaay, Garaseefi Abaalaa Abbayaatti deeggarsi taasifamuu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.