Naannawaaleen daangaa Oromiyaa fi Somaalee shororkeessaa Shanee jalaa walaboomuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 24, 2015 (FBC)- Miseensonni garee shororkeessaa Shanee bakkoota bal’inaan keessa socho’aa turan naannawaaleen daangaa Oromiyaa fi Somaalee garicha jalaa walaboomuu duulicha kan hogganaan Qondaaltonni Olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa dubbatan.

Garichi hawaasaa saamuu fi daandiilee geejjibaa cufuuf kan itti fayyadamu akkasumas bakkoota gochaa shororkeesummaa isaaf mijatoo ta’an walaba baasuun akka danda’ame ibsmeera.

Ramadamtoonni meeshaalee guguddaa duulichaa gama isaaniin tarkaanfiilee Shaneerratti fudhatamaa jiruun itti gaafatama isaanii ga’umsan bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Ergama kamuu haamilee fi kaka’umsa olaanaan raawwachaa jiraachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment