Finfinnee, Eebla 28, 2015 (FBC) – Kaaba biyyattiitti lammiilee sababa waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruuf waloon hojjechuu qabna jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.
Magaalaa Finfinneetti naannawaa sababa waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf Sagantaan galii walitti qabuu gaggeeffameera.
Waraanarraa bu’aan argamu hin jiru, wal waraanuu caalaa waliin ta’uun rakkoon keenya furachuun murteessadha jedhan Aadde Adaanach saganticharratti.
Wayita walqooduun wal lolaa turre kanneen gidduu keenya seenuun wal nu waraansisaa turan hundi har’a deebifnee ijaarra yoo jennu hin jiran jedhan.
Hojiilee hariiroo ummataa cimsan hojjechuu cinaatti naannawaa miidhamaniif bu’uuraalee misoomaa guutuuf qooda keenya haa baanu jechuun dhaamaniiru.
Sagantaa galii walitti qabuu kanaan Birrii miiliyoona 500 ol walitti qabuuf karoorfamuu eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.