Naannawaa horsiisee bultootaatti misoomaa jallisiif paampii fi jenereetara dhiyeessuuf ni hojjetama-Biiricha

Finfinnee, Bitootessa 3, 2016 (FBC)- Naannawaa horsiisee bultootaatti misoomaa jallisiif paampii fi jenereetara dhiyeessuuf kan hojjetamu ta’uu Biiroo Jallisii fi Misooma Horsiisee Bulaa beeksise.

Godina Booranaatti Jilli Itti Gaafatamaa Waajjira Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdullaziiz Daawudiin durfamu nyaata beeyladootaa, pirojektii finnaa haaraa ijaaramaa jiranii fi xumuramuun misoomaa jalliisiif ooluun bu’aalee argamsisaa jiran akkasumas kunuunsa qabeenya uumamaa Aanaalee Eelwayyee, Yaaballoofi Dubuluq daawwateera.

Daawwannicharratti Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdusalaam Waariyoon, godinichaatti balaa hongee mudatee ture booda aadaan hojii gaariin baratamaa dhufuun pirojektootaa finnaa hojjetama jiranirraa hawaasni bu’aa dhandhamu eegaluu himaniiru.

Bu’aa kana itti fufsiisuuf dhiyeessiin callaa guddiftuu kan barbaachisuu eeraniiru.

Misoomaa nyaata beeyladaarratti dargaggoota gurmeessuuis carraa hojii uumuuf hojjatamaa akka jiru himan.

Dabalataan jiraattonni Godinichaa rooba yeroo ammaa naannawichatti roobaa jiruun misooma qonnaaf lafa qopheeffachuu akka qaban, ogeeyyii fi hoggansis deeggarsa ogummaa taasisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdullaaziiz Daawud, yeroo ammaa hojiilee misoomaa karoorfamuun hojjatamaa jiraniin ummanni bu’aa dhandhamaa jiraachuu eeraniiru.

Bu’aa gama omisha margaan argamaa jiruuf walitti hidhamiinsa gabaa uumuun fayyadamummaa hawaasaaf oolchuu barbaachisaa ta’uu akeekaniiru.

Hogganaan Biiroo Jallisiifi Misooma Horsiisee Bulaa Injiinar Girmaa Raggaasaa gama isaaniin ijaarsi pirojektoota finnaa 14 xumuramuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira jedhaniiru.

Pirojektoonni finnaabishaan qabachuu n tajaajila dhugaatiif akkasumas misooma jallisii xixiqqaaf akka ooluuf kan kaayyeeffate ta’uu kaasuu ragaan Kominikeeshinii Godina Booranaarraa argem ni mul’isa.

Misoomaa jallisiifis paampii fi jenereetara dhiyeessuuf kan hojjetamu ta’uu Injiinar Girmaan dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment