Naannawaa dhibeen Busaa mudatetti qorichi Ittisaa miiliyoonni 1.4 ni raabsama – Ministeera

Finfinnee, Hagayya 14, 2016 (FBC) – Naannawaa dhibeen Busaa mudatetti qorichi Ittisaa miiliyoonni 1.4 kan raabsamu ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Naannawaa walitti bu’iinsi jirutti dhibicha ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan himaniiru.
Dooktar Maqdas jila Daayrektara olaanaa Dhaabbata Gargaarsaa Ameerikaa (USAID) Iskoot Hooklaandariin durfdamu waliin mari’ataniiru.
Gatiin bittaa Agoobara Ittisa dhibee Busaa sadarkaa idil addunyaatti dabalaa dhufe ilaalchisee marii taasiisaniiru.
Agoobara biyya keessatti oomishuuf tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu Dooktar Maqdas maricharratti kaasaniiru.
Agoobarriifi qorichi yeroo ammaa raabsamaa jiru sirnaan hojiirra akka oolu hordofiin kan taasiifamu ta’uu himaniiru.
Dhaabbanni Gargaarsaa Ameerikaa (USAID) Itiyoophiyaatti hojii ittisa dhibee Busaa hojjetamaa jiru tumsuu cimsee kan itti fufu ta’uu Iskoot Hooklaandar mirkaneessuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment