N/Oromiyaa Mana barnootaa ifa boruu naannolee 5’tti ijaaruun hariiroo gaarii uumeera jedhame

Finfinnee, Adoolessa 3, 2015 (FBC)- Obbolummaa Oromoo fi naannolee ollaa cimsuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa manneen barnootaa ifa boruu naannolee shan keessatti akka ijaaraman taasisuun, naannichi hariiroo gaarii naannolee biroo waliin qabu cimsuu Pireezidaantii Naanno Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii 2015 naannichaa Caffee Oromiyaaf dhiyeessaniin, Naannoo Oromiyaa walitti dhufeenya naannolee biyyattii biroo waliin qabu cimsuuf karooraa waloo bocuun hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Obbolummaa Oromoo fi ummatoota naannolee ollaa cimsuufis manneen barnootaa ifa boruu naannolee shan keessatti ijaarsisuun tumsa olaanaa kennisiiseeras jedhaniiru.

Nageenya naannichaa mirkaneessuufis hojiilee hojjetamaniin ilaalchisuun akka jedhanitti, gootota humnoota nageenyaa fi hirmaannaa ummataan nageenya naannichaa mirkaneessuun danda’ameera.

Caasaan nageenyaas wareegama olaanaa kaffaluun nageenya naannichaa fi biyyaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetan eeruun gatii kaffalaa jiraanifis galateeffataniiru.

Hawaasnis gaachana sirnaan gurmaa’ee qe’eesaa eeggachaa jiraachuu kaasanii, kunis ammallee cimee itti fufuu akka qabu dubbatan.

Ummanni Oromoo waggoota 150 booda injifannoo argate tiksuuf fedhii olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Kaayyoo diigumsaa humnoota badii fashaleessuufis qindoominaan hojjechuun murteessadha jedhaniiru.

Qaamni kamuu karaa nagaan qabsaa’uu fi mariidhaan rakkoolee jiran akka furamuuf fedhii qabu mootummaan simachuuf qophii ta’uu kaasaniiru.

Qaamolee hidhatanii socha’anis gara nagaa fi mariitti akka dhufaniif irra deebiin waamicha nagaa taasisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment