Muuxannoowwan Idil Addunyaa haala qabatamaa magaalotaan walsimsiisuun hojjenna –Aadde Adaanech

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)-Muuxannoowwan Idil Addunyaa haala qabatamaa magaalotaan walsimsiisuun Finfinnee jiraattotaaf mijattuu fi dorgomtuu taasisuuf tattaaffii olaanaan tajaajiluu itti fufna jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Jilli Kantiibaa Addanech Abeebeen durfamu magaalotaa Chaayinaa garaagaraatti daawwannaa hojii taasisaa jira.

Daawwannaa Magaalaa Shaangaayitti taasisaniin, Kantiibaa Magaalattii Goongo Zeengi waliin mari’ataniiru.

Waliigaltee obbolummaa magaalotaa mallatteessuun hariiroo ummataa fi ummataa, daldalaa, invastimantii, tuuriizimii, teeknooloojiin, kalaqaa fi ce’umsaan akkasumaa dhimmoota biroorratti hojjechuuf waliigaluu gama miidiya hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Turtii isaaniin Magaalaa Shaangaayitti bulchiinsa geejjibaa, kalaqa teeknooloojii, tajaajila muuziyamii, giddugala bulchiinsa balfaa fi tajaajila loojistiksii daawwachuu himaniiru.

Daawwannicharratti yaadotaa fi muuxannoo magaalota biyya keenya fayyadan argachuu eeranii, Finfinnee fakkeenya magaalota biroo taasisuu fi dandeetti dorgomtummaa idil addunyaa uumuuf jijjiirama galmaa’aa jiru cimsuuf kan tumsu ta’uu himaniiru.

Muuxannoowwan Idil Addunyaa haala qabatamaa magaalotaan walsimsiisuun Finfinnee jiraattotaaf mijattuu fi dorgomtuu taasisuuf akkaataa waadaa galameetti tattaaffii olaanaan tajaajiluu itti fufnas jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment