Muuxannoowwan gaariifi ciminoota turan bal’isuun tajaajila magaalichaafi uummatasaa madaalu kennuuf kutannoon ni hojjenna- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Eebla 27, 2015(FBC)- Muuxannoowwan gaariifi ciminoota turan bal’isuun tajaajila magaalichaafi uummatasaa madaalu kennuuf kutannoon ni hojjenna jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee raawwii karoora baatiiwwan salgan darbanii gamaaggamuu kantiibaan magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hojiilee baatiiwwan salgan darbanitti milkaa’inaan hojjetaman akka ciminaatti fudhachuun, rakkoolee turan furuuf akkasumas hanqinaalee turan adda baasuun sirreessuuf waliigaluu ibsaniiru.

Muuxannoowwan gaariifi ciminoota turan bal’isuun tajaajila magaalichaafi uummatasaa madaalu kennuuf kutannoon ni hojjenna jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment