Muuxannoo qabnuun biyya keenya tajaajiluuf murteessineerra – Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2014 (FBC) – Garee shororkeessaa ABUT barbadeessuuf muuxannoo qabaniin biyya isaanii tajaajiluuf murteessuu miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii ibsan.

Miseensonni kunneen waamicha mootummaan taasiseef fudhachuun biyyattii qormaata yeroo ammaa ishee mudaterraa baraaruu fi humna weeraraa barbadeessuuf fedhii guutuun muuxannoo qabaniin biyya isaanii tajaajiluuf murteessuu eeraniiru.

Yeroo kamiyyuu taanaan wareegama biyyi isaanii irraa barbaaddu kaffaluuf qohii ta’uu miseensonni kunneen kaasaniiru.

Diina Ityoophiyaa balleessuuf hanga humna isaanii kan gumaachan ta’uu ibsaniiru.

Minaalaa Ayyanaawutu gabaase.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment