Muuxannoo dhaabbileen Barnootaa Olaanoo Chaayinaa qaban Itiyoohiyaatti babal’isuun barbaachiisaadha – Ambaasaaddar Zhoo Zhiyaan

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2016 (FBC) – Muuxannoo dhaabbileen Barnootaa Olaanoo Chaayinaa qaban Itiyoohiyaatti babal’isuun barbaachiisaa ta’uu Itiyoohiyaatti Ambaasaadarri Chaayinaa Zhoo Zhiyaan ibsan.

Jilli Ambaasaadar durfamu Zhoo Zhiyaan Yuunivarsiitii Jimmaatti daawwannaa hojii taasiseera.

Walii galtee hojiis Yuunivarsiitii Jimmaa waliin mallatteessaniiru.

Jijjiirama Yuunivarsiitica keessatti mul’ate dinqisiifataniiru.

Jijjiirama argame caalmaatti babal’isuuf waloon kan hojjetan ta’uu Ambaasaaddar Zhiyaan eeraniiru.

Pireezidaantiin Itti aanaa Yuunivarsiitii Jimmaa Dooktar Qananiisaa Lammii gama isaaniitiin Yuunivarsiitiin Jimmaa Chaayinaa fi Itiyoophiyaa caalmaatti cimsuun Afaan Chaayinaa barsiisuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Walitti dhufeenya obbolummaa biyyoota lamaanii itti fufsiisuf kan hojjetan tauu eeraniiru.

Abdurehmaan Mahammadiitu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment