Finfinnee, Fulbaana 13, 2015(FBC)- Ashaaraan magariisaa damee tumsaa biyyoota naannawichaa akka ta’uuf Ityoophiyaan hojjechaa jiraachuu Ittaanaan Muuummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin ibsan.
Waltajjiin marii Ityoophiyaan hojii misooma magariisaa waaraa mirkaneessuuf Ashaaraa magariisaarratti hojjechaa jirtuufi muuxannoo gaarii argaman itti qoodde magaalaa Niwuyoorkitti gaggeeffameera.
Yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii magaalaa Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jiru cinaatti Mootummaan Ityoophiyaa Sagantaa Misooma dhaabbatichaa waliin ta’uun waltajjii qopheessan irratti obbo Dammaqaan haasawaa taasisaniiru.
Obbo Dammaqaan haasawaa taasisaniin, jijjiiramni qabeenya qilleensaa Ityoophiyaatti akkasumas gaanfa Afrikaatti misooma waaraafi wabii nyaataa mirkaneessuufi hiyyummaa dhabamsiisuuf tattaaffii taasifamurratti gufuu guddaa ta’uu eeraniiru.
Godaansi uummataa magaalotaafi baadiyyaatti akka hammaatu taasisuus kaasaniiru.
Rakkicha furuuf mootummaan Ityoophiyaa imaammataafi tarsiimoo bocuun kutaalee hawaasaa hunda qindeessuun hojiilee jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf Ityoophiyaatti bara 2019 irraa eegalee hoggansa Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa jalqabuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Sagantichaan uummanni miiliyoonni 20 hirmaachuufi waggoottan arfan darbanitti biqiltuun biiliyoonni 25 ol dhaabbachuu eeraniiru.
Ashaaraan magariisaa damee tumsaa biyyoota naannawichaa ta’uu akka qabu ibsuun, dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa idil addunyaa ittisuuf Ityoophiyaan tumsa biyyoota naannawichaa cimsuuf kaka’umsa ashaaraa magariisaa gara biyyoota ollaatti babal’isuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daayrektarri Sagantaa Misoomaa Afrikaa Ahunaa Izaakoonuwaan gamasaaniin, Innisheetiivii Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa dandeettii biyyattiin karoorawwan misoomaa gurguddaa haala milkaa’aa ta’een hojiirra oolchuuf qabdu sadarkaa olaanaarra gahuu kan mul’isudha jedhan.
Rakkoolee jijjiiramni qabeenya qilleensaa geessisaa jiru hambisuuf muuxannoon Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa biyyoonni biro fudhachuu akka qaban ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.