Muusaa Faakii Mahaammat ergaa baga gammadaanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2017 (FBC)–Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat Pireezidaantii Haaraa FDRI ta’uun kan moggaafaman Taayyee Atsiqasillaaseef ergaa baga gammaddaanii dabarsaniiru.

Komishinarichi Pireezidantii Duraanii Saahilawarqi Zawudeen, waggoottan ja’an turtii tajaajila isaaniitti hojiilee hojjetanii fi ga’umsa hoggansa isaanii dinqisiifataniiru.

Ijaarsa diimokiraasii fi misooma waaraa Itiyoophiyaa cimsuuf tumsi gamtichaa Itiyoophiyaaf taasistu cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment