Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC) – Komishanarri Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota nageenyaa fi Tasgabbii Afrikaarratti marii bu’aa qabeessa taasiisuu isaanii ibsameera.
Injifannoon damee hundaa argame sababa rakkoo nageenyaa duubatti akka hin deebine qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu Muusaa Faakii Maahaammat Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 36ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galuun isaanii kan yaadatamuudha.
Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 36ffaan Boruu fi Ifataan mata duree “Raawwii Waliigaltee Naannoo Daldala Walaba Afrikaa saffisiisuu” jedhuun ni taa’ama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.