Muummeen Ministiraa Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniin daawwannaa hojiif Finfinnee galan

Finfinnee, Eebla 6, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniin daawwannaa hojii guyyoota lamaaf Finfinnee galaniiru.

Joorjiyaa Meelooniin wayita Buufata Xiyyaara idil-addunyaa Boolee gahaan Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad simataniiru.

Turtii Finfinneetti taasiisaniin dhimmoota waloofi idil-addunyaa dabalatee dhimmootaa misoomaa fi namoomarraatti ni mari’atuun eegama.

Ityoophiyaafi Xaaliyaaniin walitti dhufeenyaa fi hariiroo diippiloomasii cimaa baroota dheeraa ture qabaachuu eerameera.

Joorjiyaa Meelooniin daawwnnaa guyyoota lamaaf taasiisaniin hoggantoota mootummaa fi Gamtaa Afrikaa olaanoon waliin dhimmoota waloorratti marii ni taasiisuun kan eegamu ta’uu TOI gabaaseera.

Daawwannichi hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan kaayyeefate ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment