Finfinnee, Eebla 4, 2015(FBC)- Muummeen Ministiraa Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniin Ityoophiyaatti guyyoota lamaaf daawwannaa hojii taasisuuf ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Joorjiyaa Meelooniin Eebla 6-7, 2015’tti Ityoophiyaatti daawwannaa hojii kan taasisan ta’uu eerameera.
kaayyoon daawwannaa isaanii hariiroo biyyoota lameenii cimsuuf ta’uu kaafameera.
Turtii isaaniin hoggantoota olaanoo mootummaafi Gamtaa Afrikaa waliin kan mari’atan ta’uu ibsameera.
Deeggarsa namoomaafi misoomaa biyyattiin Ityoophiyaaf taasistu irratti kan mari’atamu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Dhimmoota naannawaa, ardiifi idil addunyaarrattis yaada kan wal jijjiiran ta’uu eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.