Muummeen Ministiraa Raashiyaa vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Eebila 23, 2012 (FBC) –Muummeen Ministiraa Raashiyaa Vaayrasii Koroonaatiin qabamuunsaanii himame.
 
Muummeen Ministiraa kun vaayrasichaan qabamuu isaanii wayita preezdaantii biyyaattii Vilaadimiir Puutiin waliin vidiiyoo konfiraansiin mari’atan ifoomsaniiru.
 
Muummeen Ministiraa Miikheel Mishustiin Raashiyaatti hoggantoota olaanoo yeroo jalqabaaf vaayraasii koroonaan qabaman jalqabaati jedhame.
Raashiyaatti hanga ammaatti namooni kumni dhibba 1 ol vaayraasii kanaan kan qabaman yoo ta’u, namoonni kumni 1 ol ammoo du’aniiru jedhame.
 
Addunyaarratti namoota vaayrasichaan qabaman miiliyoona 3 fi kuma dhibba 2 fi kuma 57 ol keessaa namoonni miiliyoonni 1 fi kumni 14 fi 761 dandamataniiru jedhame.
 
Maddi:- CNN
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment