Muummeen Ministiraa Jaappaan Shiinzoo Abbeen aangoo gadi dhiisuu isaanii ifoomsaan

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa Jaappaan rakkoo fayyaa isaan qunnameen aangoo gadi dhiisuu isaanii ifatti beeksisan.
 
Maanguddoon umrii waggaa 65 Shiinzoo Abbeen hojii mootummaa isaaniitti gufuu ta’uurra aangoo gadi dhiisuu filachuu isaanii ibsaniiru.
 
Aangoo gadi dhiisuu isaanniif uummata biyyattii dhiifama kan gaafatan Abbeen, murteen isaanii siyyaasa Jaappaan irratti rakkoo uumuu hin qabu jedhaniiru.
 
Haalli Fayyaa isaanii yeroo gara yerootti hammaachuu dhufuu himaniiru.
Miidiyaaleen biyyattii Shiinzoo Abbeen hanga Muummeen Ministiraa haaraan filatamanitti aangorra kan turan ta’uu gabaasaniiru.
 
Haalli kun Muummeen Ministiraa yeroo akka hin muudamne godha jedhame.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment