Muummeen ministiraa FDRI duraanii obbo Hayilamaariyaam Dassaalenyii fi haati warraan isaanii aadde Roomaan Tasfaayee Faawundeeshinii hundeessan

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) -Muummeen ministiraa FDRI duraanii obbo Hayilamaariyaam Dassaalenyii fi haati warraan isaanii aadde Roomaan Tasfaayee Faawundeeshinii hundeessan.

Faawundeeshinichi mogaasa “Hayilamaariyaa fi Roomaan” jedhuun kan hundeeffame yoo ta’u Ejansii dhaabbilee Hawaasa Siivilii irraa sartifikeetii argateera.

Faawundeeshichi fayyaa daa’immanii fi haadhoolii fi sirna nyaataa hawaasa gidduutti gabbisuu, jijjiirama qabeenya qilleensaa eeguu fi ikoo turizimii babbal’isuu akkasumaas dubartootaa fi dargaggoota fayyadamoo diinagdee taasisuu ta’uu ibsameera.

Fuldurratti Ityoophiyaarra darbee gaanfa Afrikaatti hojjechuuf karooraa qabaachuu ragaan Ejansicharraa argame ni muldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment