Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad guyyaa hojjettoota addunyaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Eebila 23, 2012 (FBC ) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad guyyaan hojjettoota addunyaa bara kanaa walgargaaruu fi walii yaaduun kabajamuu qaba jedhan.
 
Baga guyyaa ayyaana hojjettootaa Eebila 23 kabajamu waggaa 131ffaan isin ga’e jedhaniiru.
 
Guyyaan kun guyyaa jireenyi hojjettootaa itti jijjiirrame guyyaa qabsoon itti yaadatamuudha jedhan.
 
Lakkoofsi hojjettoota xiqqoo ta’us, biyya keenya dabalatee lakkoofsaa ol guyyaa seenaan itti jijjiirrame ta’uu ibsan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
 
Walitti dhufeenyi hojjetaa fi hojjeechiisaa gidduu jiru Ityoophiyaa booru bu’ura godhachuun waliigaltee fi walgargaaruurratti hundaa’uu qaba jedhan.
 
Hariiroo Baasaanuu osoo hin taane, hariiroo bu’aa qabeessummaa ta’uu qabus himaniiru.
 
Hojjechiiftoonni ofii isaaniif jecha mirga hojjetaa kabajuu akka qabanis ibsaniiru.
 
Bu’aa qabeessummaa Indaastirii itti fufsiisuuf bara kana afuura walii yaaduu fi walgargaaruun kabajuu qabna jedhan.
 
Dhiibbaa weerarri vaayrasii koroonaa damee Indaastiriirraan ga’aa jiru dandamachuuf of eeggannoo cimaan kan barbaachisu ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dhaamaniiru.
 
Hojjettoonni iddoo hojiittis ta’ee mana ofiitti dagannaa malee of eeggannoo taasisuu akka qaban himaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Comments (0)
Add Comment