Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Adoolessa 15, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad guutinsi bishaan Hidha Haaroomsaa marsaan duraa xumuramuu isaa ergaa baga gammaddanii dabarsan.
 
Hirmaannaa waloon ijaarsa hidha haaromsaa sadarkaa kanarraan ga’uu keenyaaf ummanni Ityoophiyaa hundi baga gammaddan jedhan.
 
Milkiin kun Ityoophiyaanoonni hojii biyyaa akkamiin milkeessuu akka danda’an kan muul’iseedha jedhan.
 
Dooktar Abiya ergaa isaaniin yeroon kun yeroo Ityoophiyaan missiroochaa guddaa itti dhageechuudha jedhan.
 
Guyyaan har’aa guyyaa dhamaatiin Ityoophiyaa bara dheeraa yeroo boqonnaa murteessarra ga’ee fi guutinsi bishaan hidha haaromsaa marsaan duraa xumurame guyyaa seenaa qabeessa ta’uu himaniiru.
 
Ijaarsa hidhichaa humna keenyaan milkeessuu danda’uun keenyaa caalmaatti gammachiisadha jedhan.
 
Dooktar Abiy,Hidhaan Haaroomsaa mallattoo addaa dhalootaa, hojjetanii milkeessuu kan irraa barannee fi gaabbii bara dheeraaf deebii kan laatedha jedhan.
 
Duubatti hafummaa fi hiyyummaa moo’achuun sagalee keenya ol kaasnee dubbachuu kan dandeenyu amma jedhan.
Ammaan booda miila lamaan dhaabbachuun gara sadarkaa olaanaatti imaluuf ka’umsa arganneerra jedhan.
 
Qaama kamiiyyuu osoo hin miidhinii fi hin rakkisin guutinsa bishaanii marsaa duraa xumuruu dandeenyeerra jedhan.
 
Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa biyyoota yaa’a gadii miidhuuf kaayyoo kan hin qabne ta’uus kaasaniiru.
 
Guutinsi bishaanii marsaan duraa kun hammi bishaanii biyyoota lameeniif gadi lakkifamu osoo hin hir’isuun xumuramuun isaa agarsiiftuudha jedhan.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ijaarsi hidha haaromsaa sadarkaa kanarra akka ga’uu qaamoolee humnaan, beekkumsaa fi qabeenya isaaniin hirmaannaa taasisan hunda galateeffataniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment