Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Muummee Ministiraa Jaappan Shiinzoo Abee waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 13, 2012 (FBC) –Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Muummee Ministiraa Jaappan Shiinzoo Abee waliin mari’atan.

Dooktar Abiy balaa COVID-19 geessisu ittisuu irratti haala waliin hojjechuu danda’amu irratti Ministira Muummee ministira Jaappaan Shiinzoo Abbee waliin mari’achuu ragaan toora Feesbuukii isaanirra argame ni muldhisa.

Marichi diinagdee fi wabii nyaataa irratti kan xiyyeeffatedha jedhan.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Marii isaaniin walgahii #TICAD booda ardiin keenya Afrikaan michuu cimaa yeroo rakkinaa ishii waliin dhaabbatu horachuu ishee naa mirkaneesseera jedhaniiru.

Comments (0)
Add Comment