Finfinnee, Hagayya 16, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad haroon Wancii jannata lafarrati jedhan.
Bakka duraan voolkaanoo cimaan ture kana har’a burqaawwan ho’aafi huursaawwan bishaanii kennaa uumamaa adda ta’een dhangi’aniiru.
Kennaawwan uumamaa yoo kaaniif qoodaman walfunaananii kan achumatti hafan fakkaatu.
Dooktar Abiy Ahimad Wanciin humna hawwata tuiriizimii dabalataa akka qabaattu, carraawwan hojii dhaabbataa akka uumamanii fi jirattonni naannichaa waan ittiin jiraatan haala gahaa ta’een akka argachuu danda’an hojii aniifi Mootummaan Naannichaa hojjechuuf karoorfannerratti akka hirmaattanin isin afeera jedhaniiru.
Kutattootaa maatii Irbaata Biyyaaf, Itoophiyaan akka badhaatu kutatee ka’etti makamaa.
*Lakkoofsi heerrega baankii: 1000339911267 Baankii Daldalaa Itoophiyaa, Damee Addis Ababa.
*Biyya alaa taa’anii maallaqa hamma barbaadan erguudhaan hirmaachuu kan barbaadaniif:
Lakkoofsi heerrega baankii: 0100101300591
Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Damee Addis Ababaa, ‘Swift Code’ NBETETAA
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.