Finfinnee, Bitootessa 4, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Godina Arsii Lixaa Aanaa Eebaan Arsii Ganda Shoobaa Bultumitti oomisha qamadii jallisiin misoome daawwataniiru.
Daawwannicharratti Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Muummee ministiraa duraani Obbo Hayilamaariyam Dassaalenyi fi aanga’oonni hojii mootummaa Federaalaa fi Naannolee argamaniiru.
Aanichaatti lafti heektaaraa kuma 1 fi dhibba 5 oomisha qamadiin uwwifamuu Hoogganaan Waajjira Qonnaa Aanichaa obbo Kaasaahuun Galatoo ibsaniiru.
Hooggantichi aanichatti qamadii dabalataan lafti heektaara kuma 4 fi dhibba 3 oomisha qullubbii, timaatima, dinnicha fi kanneen biro uwwifamuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.