Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad damee qonnaa teeknooloojiin ammayyeessuuf akka hojjetamu beeksisan

Finfinnee, Onkolooleessa 1, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad damee qonnaaf kan barbaachisu dhiyeessi teeknooloojii, carraa hojii uumuu, walitti hidhaminsa gabaa fi faayinaansii kilaastaraa irratti xiyyeeffannaa akka hojjetamu beeksisaaniiru.

Dooktar Abiy Godina Arsii aanaa Doddotaa fi Heexosaa hojiiwwan qonnaa hojjetama daawwataniiru.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy waggaan dura daawwii bakkichatti taasisaniin damee qonnaaf raawwii kallaatti hojii ka’aanii ilaaluuf achitti argamuu ibsaniiru.

Kanaanis, haala qabinsa qonnaa fi qotisaa akka gammadan ibsaniiru.

Wayita daawwannichaa weerara hoomaa Awwaanisaa yeroo ammaa kana uumameen jiruun walqabatee Awuroopilaanoota 10 ittisa awwaanisaa biiffaa keemikaalaaf kan oolaan kiraayiin fiduuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment