Muummeen Ministiraa Chaad, Gaaboonii fi Preezdaantiin Zimbaabiwee Finfinnee galan

Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Afrikaa Yaa’ii Afrikaa 35ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galuu isaanii itti fufaniiru.
Muummeen Ministiraa Chaad Albart Paahiimiin Paadaakeen Finfinnee galaniiru.
Albart Paahiimiin Paadaakeen wayita Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ga’an Ministira Ministeera Jallisii fi Misooma naannolee Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad, Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi hoggantoota mootummaa biroon simatamaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Muummeen Ministiraa Gaaboon Roose Kiristuyaanee Oossuukaa Raponda Finfinnee galaniiru.
Roose Kiristuyaanee Oossuukaa Raponda wayita Buufata xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bolee ga’an Ministira Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habataamuu Ittafaan simatamaniiru.
Akkasuman Preezdaantiin Zimbaabiwee Eemarsan Minaangaagiwaanis yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Eemarsan Minaangaagiwaan wayita Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ga’an Ministira Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa fi hoggantoota mootummaa biroon simatamaniiru.
Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment