Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Kutaa Magaalaa Araadaatti naannawaa shaakala Ispoortii eebbisiisan

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Finfinnee Kutaa Magaalaa Araadaatti naannawaa shaakala ispoortii bifa haaraan ijaarame eebisiisaniiru.

Naannawichi duraan shaakala ispoortiif mijataa kan hinturree ta’uun, kaka’umsa muummee ministiraan qaamolee dhimmichi ilaallatu hirmaachisuun bifa haaraan ijaaramee xumuramuun har’a eebbisiisuun tajaajila eegalchiisaniiru.

Naannawaan shaakala ispoortii guddattoonni namummaa isaanii kan itti jabeeffatanii fi hubannoo hawaasummaa isaanii kan itti gabbifatan ta’uun, naannawaaleen akkanaa akka babal’atan jajjabeessuuf ta’uun ibsameera.

Ijaarsi naannawaa shakala Ispoortii qaama pirojektii tola ooltummaa Gannaa ta’uun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment